Ergaa Pirezidaantii Mana Murtichaa (President’s message)
Manni Murtii keenya,Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu bara 2022 tti tajaajila Abbaa seerummaa si’ataa,qulqulluu fi guutummaatti qaqqabamaa ta’e kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessee amantaa uummataa horachuun Naannoo Oromiyaa keessatti Mana Murtii fakkeenyummaa qabu ta’ee argamuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira.Manni Murtichaa mul’ata qabatee hojjachaa jiru kanas yeroo yaadametti sadarkaa barbaadamuun milkeessuufis bara 2012 irraa eegalee karoora tarsimaawaa (Strategic plan)Waggoota kudhanii baafatee waggaa waggaadhaanis gara karoora bu’aa irratti xiyyeeffatee (result based Management)tti qoqqooduun hojiitti hiikaa kan jiru yoo ta’u,ciminaalee fi harcaatiiwwan raawwii jiranis baatii, kurmaanaa fi bara baraan xinxalamuun akka barbaachisummaa isaattis tarkaanfiiwwan tarsimaawoon(strategic measures) Mana Murtichaa gara milkaa’inaatti geessan irraa jalaan fudhatamaa turaniiru;fudhatamaas jiru.
Bu’uuruma kanaan, hojiirra oolmaan tajaajilawwan teekinooloojiiwwan quunnamtii odeeffannoo (TQO)tiin deeggaraman dhawataan dabalaa dhufuu isaaniitiin wal-qabatee, dhaqqabamummaan kanna tajaajila Abbaa seerummaa Mana Murtichaas yeroo ammaa kana sadarkaa ol’aanaan dabalee kan jiru yoo ta’u,qulqullina kenna tajaajilaa sadarkaa barbaadamu irraan gahuufis xiyyeeffannoo guddaa fi miira ittigaafatamummaa ol’aanaatiin hojjatamaa jira.Keessattuu, hubannoo fi dandeettii Hawaasa Mana Murtichaa ittifufinsaan cimsaa deemuun Mana Murtichaa keessatti naamusa gaarii fakkeenyummaa qabu dagaagsuu,iddoo hanqinni mul’atetti immoo itti gaafatamummaa mirkaneessuu,qulqullina kenna tajaajila Abbaa seerummaaf dursa kennuun hojjechuu, bilisummaa dhuunfaa Abbaa Seeraa fi kan Mana Murtichaa kabajanii hojjechuu fi kabachiisuun toorawwan xiyyeeffannoo yeroo ammaa kana xiyyeeffannoon irratti hojjachaa jiruu dha.Rifoormiiwwan yeroo yerootti akka Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti bocamanis haala qabatamaa Mana Murtichaatiin hojii irra oolchuuf,akkasumas qorannoowwan adda addaa gaggeessuun rakkoolee kenninsa tajaajila Mana Murtichaa keessatti mudatan furaa deemuufis ciminaan hojjatamaa jira.
Manni Murtii keenya dhiibbaa kamirraayyuu bilisa ta’uun seera qofaa irratti hundaa’ee tajaajila Abbaa seerummaa dhaqqabamaa,qulqulluu fi saffisaa ta’e kennuun erga Hawaasaaf qabu qixaan bahuu akka danda’uuf tumsii fi yaadni Uummataa daraan murteessaa ta’uu isaa ni amanna.Kanaafis Kenna tajaajilaa Mana Murtichaa ilaalchisee karaalee danda’amaa ta’an hundumaan yaadaa fi qeeqa Uummata keenya irraa nuuf kennamanis kabajaa ol’aanaan simannee jijjiirama caaluuf ni hojjanna.
Galatoomaa!!
Obb/Taakkalaa JIfaaraa Dalasaa
Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu
Mudde,bara 2017