Brief History of the Court

Current President
Former President
Kab/Obb/Buzunaa Guutamaa Bayyanaa (LLB)
(Bara 2009 - 2014 E.C) Pirezidaantii duraanii Mana Murtichaa

Seenaa dug-duubee(brief history) Mana Murtichaa

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu duraan yeroo dheeraaf Mana Murtii Aanaa Walmaraa jalatti Dhaddacha dhaabbii ta’ee tajaajila Abbaa seerummaa kennaa kan ture yoo ta’u,Onkoloolessa bara 2009 A.L.I irraa eegalee immoo caasaa mataa isaatiin of-danda’ee hundeeffamuun tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan turee fi kennaa kan jiruu dha.

Manni Murtichaa caasaadhaan of-danda’ee erga hundeeffamee as sadarkaa baay’inaa fi wal-xaxinsa dhimmootaa keessummeessaa jiru waliin yommuu ilaalamu caasaan humna namaa fi leecalloowwan barbaachisan hanga malu kan hin guutamneef ta’us,humana namaa fi qabeenya jiru haala bu’a-qabeessa ta’een fayyadamuun xiyyeeffannoo fi miira ittigaafatamummaa ol’aanaadhaan tajaajila Abbaa seerummaa Uummataaf kennaa jiru yeroodhaa yerootti fooyyessaa fi dhaqqabamummaa isaas mirkaneessuuf tattaaffii walirraa hin citne gochaa tureera;gochaas jira.

Keessumattuu bu’uura labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii lakk.216/2011 tiin dhimmoonni Mana Murtichaatti dhihaatan akkaataa wal-fakkaatina isaaniitiin saffisaan ilaalamanii furmaata akka argataniif Dhaddachoolee jiran dhaddacha yakkaa,dhaddacha Hariiroo Hawaasaa fi dhaddacha maatii fi daa’immaniitiin gurmeessuun,humna namaa jirus akkaataa bu’a-qabeessummaa isaatiin ramaduun, Manni murtichaa tajaajila kennaa kan jiruu dha.Hojii dhaddachaa deeggaruuf caasaaleen barbaachisanis Garee bittaa,Bulchiinsaa faayinaansii fi Qabeenyaa;Gareen Ooggansa hojii qabeenya Namaa;Gareen Karoora,Baajata,hordoffii fi gamaggamaa,Gareen tajaajila qulqullinaa fi eegumsaa,akkasumas gareen Tajaajila Quunnamtii Odeeffannoo(TQO) caasaadhaan gurmaa’uun kenninsa tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtichaa bu’a qabeessa taasisuuf tumsa barbaachisu taasisaa jiru.

Sochii hojii isaa kan waliigalaatiin,baroota sadan darban(bara 2014,2015 fi 2016) keessa Manni murtichaa itti fufinsaan raawwii hojii fooyya’aa galmeessaa dhufuu isaatiin badhaasaa fi beekkamtiiwwan addaa addaa argachaa dhufeera jira.Kanarraa ka’uunis Manneen Murtii Aanolee,Godinaalee fi kan Naannolee biroof illee muuxannoowwan gaggaarii qabu qooduudhaan fakkeenyummaa qabu daraan cimsachaa dhufee jira.

Manni Murtichaa duraan erga caasaan of-danda’ee gurmaa’ee,Maqeeffama Mana Murtii Aanaa Magaalaa Buraayyuu jedhuun akkaataa caaseffama duraaniitiin Uummata Magaalaa Buraayyuu hundaaf tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u, bu’uura dambii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeessuuf bahe Lakk. 233/215 Kewwata 10(3) tiin immoo Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu ta’ee irra deebiin caaseffamuun bara 2015 irraa eegalee tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan jiruu dha. Daangaa aangoo seeraan kennameef keessattis Manni Murtichaa tajaajila Abbaa seerummaa Si’ataa, Dhaqqabamaa fi qulqullina qabu kennuu fi sirna haqaa cimsuun ijaarsa sirna dimokraasii keessatti gahee Mana Murtii irraa eegamu bahuuf Karoora Tarsiimoo waggoota kudhanii Sirna Karoora Bu’aa irratti xiyyeeffateen qopheeffachuun hojiitti hiikaa kan jiruu dha.

______________//_________________